Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti waraanni faashistii PP maatii qabsaa’otaa jalaa loon rasaasa itti roobsuun ajjeesan

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024

Diinummaa sirni bilxiginnaa hawaasa Oromoo irratti taasisaa jiru egeree saba guddaatti yaaddoo jireenyaa uumee miidhaa lubbuu  fi qabeenya isaa irra ga’aa jiruun  godaansaa fi jiruu bosonaa keessa taasisuun maatii hedduun ilmaan isaa waliin hiraarfamaa  jira.

Akka kanaanis jiraattonni godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan rakkoo waraanni goolessaan PP jiraattota irratti gochaa jiruun qabeenyi isaanii manca’aa jiraachuu himuun, sababa ilmaan keessan miseensa WBO’ti qabeenya diinaa ni dhabamsiisna jedhuun dheengadda halkan Waxabajjii 22, 2024 aanaa Hawwaa Galaan ganda Gabaa Sanbata Duraa jedhamuu qabeenya maatii 4 loon isaaniitti  waraanni faashistii PP dhukaasee  ajjeesuun beekameera.

Namoonni loon jalaa ajjeefaman maqaan isaanii: Obbo Taayyee Isiruu, Surraagaa Isiruu, Malkaamuu Abarraa fi Gammachuu Asfawuu kanneen jedhaman jalaa loon hedduu rasaasaan akka fixan himameera.

Yeroo ammaas duulli maatii qabsaa’otaa dhabamsiisuu jedhu jabaatee godina Qellem Wallaggaa onoota adda addaatti itti fufee jiraachuun waraanni sirnichaa hedduun bobbaafamanii akka jiran himameera.

Exit mobile version