Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Suudeetti hidhaa fi dararaan waraana maafi’aa PP’n jiraattota irratti jabaaatee jirachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024

Uummanni Oromoo dachee abbaa isaa irratti ba’ee galuuf qormaata guddaa keessa kan jiru, maatii, firoonnii fi namoonni aantii kee miseensa paartii bilxiginnaa yoo hin taane, nagaan baatee galuun jabaatee jiraachuu jiraattonni hiraarfama keessa jiran ONM’tti himaa jiru.

Waraanni faashistii Abiy Ahimediin bobbaafaman haala qabatamaa sochii impaayerattii keessatti mul’atu awwaalee  hololaan hawaasa burjaajessuuf jecha gandoota aanaa Suudee  hundaatti waltajjii dhimma nageenyaa jechuun uummata guyyaa guutuu hojii dhorkanii aduu keessatti hiraarsaa turuun ifoomeera 

Waltajjii nageenyaa geggeessina jedhaniin cinaatti seelii Waraana Bilisummaa Oromoo balleessina maqaa jedhuun Waxabajjii 22, 2024 eegaluun bifa haarawwaan badii tokko malee ilmi namaa mana hidhaa godina Arsii Bahaa aanaa  Suudee magaalaa Kuullaatti  guuramaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, sababa waraqaa eenyummaa hin qabduu fi fuulli kee naannoo kanaaf haaraadha jedhuun gandoota akka Tulluu Hoofii, Mareenaa Garjallaa, Wangarbullaa magaalaa Mul’attuu fi teessoo aanichaa kan ta’e magaalaa Kuullaa keessaa qabamuun kanneen hidhamanii jiran danuudha

Ona Suudee keessatti namoonni jumlaan akka hidhamanii jiran kan dubbatamu ogguu ta’u, haalli fayyummaa isaanii yaaddessaa ta’uu fi yaala fayyaa malee baatiilee dheeraaf hiraarfamaa akka jiran, akkasumas maatiin akka dhaqee hin gaafanne taasisaa jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version