ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024
Waraanni goolessituun Raayyaa Ittisa Impaayeerattii hundi waliin ta’uun godinaalee Oromiyaa hunda irratti irra deddeebiin duula uummata nagaa ajjeesuu fi hidhuu daran hammeessanii kan itti fufan yommuu ta’u, godina Lixa Wallaggaa ona Gimbii ganda Gaaga’oo Qarree iddoo jedhamutti nama tokko ajjeesuun barameera.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, “waraanni murna PP Waxabajjii 24, 2024 ganda Gaaga’oo Qarree jedhamurraa nama maqaan isaa Lalisaa Eebbaa Urgeessaa jedhamu yakka tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf haala suukkaneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesan” jechuun dubbatu.
Taateen kunis dargaggoota gandichaa dirqamaan walgahii erga baasanii booda “Raayyaa Ittisa Impaayeerattitti makamtanii impaayerattiif loltu” jedhanii dirqamaan dargaggoota yeroo galmeessan, dargaggoo Lalisaan immoo ejjennoo cimaan didee “mooraa diinaa hin seenu” sababa jedhe qofaaf balleessaa tokko malee ajjeesuu isaanii jiraattonni kun itti dabaluun ibsan.
Haaluma wal fakkaatuun onuma Gimbii ganda Innaangoo Dambalii jedhamu irraa hawaasa hojii idilee isaanii irratti bobba’anii jiraatan loltoonni sirnichaa maqaa meeqa irra tuuluun yakkanii hidhaan dararaa jiraachuun ibsameera.
Abbaa fi ilma kanneen ta’an, namoota maqaan isaanii Saamu’eel Alamuu fi Obbo Alamuu Waaqwayyaa kanneen jedhaman yakka tokko malee “Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamtu” jedhamuun Waxabajjii 25, 2024 qabamanii waajjira Poolisii onichaatti hidhamanii jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.
Obbo Alamuun abbaa qabeenyaa fi ilmi isaa immoo konkolaachisaa yommuu ta’u, lameen isaanii namoota siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu jiraattonni kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

