ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024
Waraanni goolessituu Raayyaa Ittisa impaayeerattii jedhaman uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa raawwachaa kan oolan, godina Buunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooreetti Waxabajjii 15, 2024 halkan sa’atii 7:00’tti bakka addaa Baachoo jedhamu irraa namoota maqaan isaanii: Adam Jibiriil, Riyaad Sheek Qaasimii fi kanneen biroo ukkaamsuun Waajjira Poolisii onichaatti dararaa jiraachuu jiraattonni dubbisne himan.
Waraanni humna badii PP kun, halkan waarii gandichatti seenuun gaafa Waxabajjii 15, 2024 nama maqaan isaa Suleymaan Hasan jedhamu battalumatti yommuu ajjeesan, namoonni hidhamanis ta’e, inni du’e badii tokko illee kan hin qabne ta’uu jiraattonni gandichaa itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.
Aanicha keessatti saamicha qabeenyaa dabalatee sarbamiinsi mirgoota namoomaa raawwatu guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemuu yeroo hedduu jiraattotni ONM’tti himaa akka turan ni yaadatama.

