ONM-ABO Adoolessa 1, 2024
Mootummaa gabroomfataan impaayera Itoophiyaa Oromiyaa cufa keessaa dargaggoota irratti xiyyeeffachuun mana hidhaatti guuree isaan kaan bakka buutee isaanii dhabamsiisaa kan jiru yommuu ta’u, godina Buunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaatti dargaggoota hidhuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa jiraachuun eerameera.
Ona Daaboo Haannaa ganda Guutee jedhamu irraa gaafa Waxabajjii 25, 2024 dargaggoota maqaan isaanii:
- Takiluu Bulaa,
- Waaqumaa Bulaa
- Fufaa Taasisaa
- Obsaa Dabalaa
- Shamsuu Oljirraa fi
kanneen biroo hedduu sababa tokko malee “deggertoota WBO’ti” jechuun halkan sa’atii 5:00’tti ukkaamsuun waajjira poolisii ona Daaboo Haannaatti garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.
Kana malees, dargaggoonni maqaan isaanii:
- Tolaa Kennasaa,
- Darajjee Adimaasuu,
- Eebbaa Dabalaa,
- Muusaa Janbaree fi k.k.f hedduun ji’oota lama dura qabamuun onichatti hidhamanii dararaa hamaa argaa jiraachuunis ibsameera.

