• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaatti dargaggoota hidhaatti guuruun hammaate

Jul 3, 2024

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Mootummaa gabroomfataan impaayera Itoophiyaa Oromiyaa cufa keessaa dargaggoota irratti xiyyeeffachuun mana hidhaatti guuree isaan kaan bakka buutee isaanii dhabamsiisaa kan jiru yommuu ta’u, godina Buunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaatti dargaggoota hidhuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa jiraachuun eerameera.

Ona Daaboo Haannaa ganda Guutee jedhamu irraa gaafa Waxabajjii 25, 2024 dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Takiluu Bulaa,
  2. Waaqumaa Bulaa
  3. Fufaa Taasisaa
  4. Obsaa Dabalaa
  5. Shamsuu Oljirraa fi

kanneen biroo hedduu sababa tokko malee “deggertoota WBO’ti” jechuun halkan sa’atii 5:00’tti ukkaamsuun waajjira poolisii ona Daaboo Haannaatti garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.

Kana malees, dargaggoonni maqaan isaanii: 

  1. Tolaa Kennasaa, 
  2. Darajjee Adimaasuu, 
  3. Eebbaa Dabalaa, 
  4. Muusaa Janbaree fi k.k.f hedduun ji’oota lama dura qabamuun onichatti hidhamanii dararaa hamaa argaa jiraachuunis ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading