ONM-ABO Adoolessa 1, 2024
Ergamtootni bilxiginnaa “impaayerattii of harkaa qabna” jedhan ilmaan Oromoo irratti duula hidhaa fi ajjeechaa labsuun duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiran yommuu ta’u, godina Baha Wallaggaa ona Diggaatti hawaasa nagaa hojii idilee isaa irratti bobba’ee of jiraachisu hidhaatti guuruun dararaa jiraachuun ibsameera.
Waxabajjii 15, 2024 ganda Burqaa Guddinaa jedhamurraa badii tokko malee Oromummaa isaaniin yakkuun namoota maqaan isaanii:
- Tamasgeen Olii
- Lammeessaa Bizgaataa
- Mikaa’el Baqqalaa
- Dingataa Tasfaa fi k.k.f qabuun waajjira poolisii ona Diggaatti dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan ni himu.
Akka jiraattonni kun jedhanitti nama Tamasgeen jedhamu sababa qorichi manasaa keessatti argameef “Waraana Bilisummaa Oromoo yaalta” jechuun qabanii hidhuu fi Dingataa kan jedhamu ammoo mana yaalaa deemnaan magaalaa onichaatti “hidhata WBO qabda” jedhanii qabuu jiraattonni kun itti dabaluun dubbatu.
Kana malees, akka onichaatti saamichaa fi qotee bultoota qe’ee isaanii irraa buqqisuun cimee itti fufuus jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


