ONM-ABO Adoolessa 1, 2024
Sirni gabroomfataa impaayera Itoophiyaa ilmaan Oromoo dararuu amaleeffate, godina Lixa Harargee ona Gubbaa Qorichaatti jiraattota doorsisuun hidhee reebicha hamaa irratti raawwachaa jiraachuun himameera.
Ona Gubbaa Qorichaa araddaa 20 ganda Qararuu jedhamu keessaa Waxabajjii 27, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Aaliyaa Ahimad Huseenoo,
- Mahaammad Kamaal Sayid,
- Abdii Mahaammad Hasanii fi namoota biroo hedduu ta’an uleen garmalee tumanii qaama laalessuu fi mana hidhaatti geessuu himan.
Namni Abdii jedhamu mana hidhaattis erga garmalee reebamee booda waraanni impaayerattii humna addaa jedhaman “araddaa kana keessatti WBO’n yoo argame situ itti gaafatama ykn ajjeefama” jechuun mallatteessisanii gadi yoo lakkisan warreen kaan irraan ammoo dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni himu.
Namoota maqaan isaanii Zeenii Badirii fi Ruufoo Badirii jedhaman “namoota hidhata WBO qaban fuula keessan duratti rasaasaan ajjeesnee isin agarsiisna” jechuun uummatatti dhaadachaa jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun himaniiru.

