ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024
Hidhattoonni Amaaraa fi loltoonni Abiy Ahimed waliin ta’uun kanneen uummata onichaa duguuguuf bobbaafaman gaafa Waxabajjii 14, 2024 ona Limmuu ganda Saaqqataa Qilxuu Baabboo bakka addaa Saqalaajjee jedhamutti nama maqaan isaa Fiqaaduu jedhamu sababa tokko malee ajjeesuu jiraattonni gandichaa eeran.
Bulchaan ona Limmuu hidhattoota Amaaraa 200 fi Raayyaa Ittisa Impaayeerattii 150 gandichatti bobbaasuu kan himan jiraattonni kun, hidhattoonni Amaaraa 200’n kunneen kanneen Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abee Dongoroo bakka addaa Tullu Gaanaa jedhamutti uummata Oromoo akka baalaatti harcaasaa turanii dha jedhan.
Kana malees, onuma kana ganda Dugda Mannii bakka addaa Somboo jedhamutti gaafa Waxabajjii 15, 2024 waraanni faashistii PP uummata saamuuf bulchiinsa onichaan kan bobba’e jiraattota saamuun eerame.
Sababa tokko malee namoota maqaan isaanii Obbo Dhugaasaa Gaaluu fi Obbo Baqqalaa Gaaluu jedhaman kanneen obboleeyyan ta’an jalaa sangaa tokko achumatti qalachuun, saawwan 7 fi re’oota 2 jalaa fudhatanii ooffachuun gara bakka Saqalaajjee jedhamutti deemuu isaanii fi onichatti yakkoonni gara jabinaa hedduun raawwatamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ONM’tti himan.

