Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaa fi naannoo ishee keessatti ibsaan irra deddeebiin adda cituun beekame

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024

Bulchiinsa Bilxiginnaa keessatti galiin impaayerattii bifa gibiraan karaa addaa addaa walitti qabamu bu’uuraalee tajaajila hawaasaa ijaaruu fi babal’isuu hanqatee ijaarsa humna waraanaa teessoo isaanii qofa tiksuuf malee nageenya lammiileef wabii ta’uufii hin dandeenye ittiin ijaaruun rakkoo hawaasaa furuuf fedhii hin godhanne.

Akka kanaanis bu’uuraalee tajaajila hawaasaa ijaaramee jiru irraas uummanni tajaajila argachuu dadhabee rakkoo jajjabduu keessa galuun akkaataan jireenyaa uummatatti bitaa galee hojiin akka ta’utti deemuu dadhabee qaala’iinsa jireenyaa waliin walitti hidhachuun ittuu hawaasa mataa cabsee jira.

Haaluma kanaan Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa fi naannoo ishee keessatti ibsaan yeroo darbe walitti fufinsaan guyyoota shaniif adda cituun hawaasni naannoo sanaa ibsaa dhabuun dukkana keessatti akka dabarsan dubbatu.

Akkasumas Waxabajjii 25, 2024 ammas irra deebiin naannoodhuma kanatti ibsaan deebi’ee baduun carraa dukkana keessatti dabarsuu dabalatee hojiileen adda addaa humna ibsaan socho’an dhaabbachuun uummanni rakkoof saaxilamee turuu jiraattonni naannoo himaniiru .

Dabalataanis lammiileen impaayerattii keessatti argaman hireen isaanii Oromoon wal fakkaatan akkuma uummata Oromoo roorrifamaa fi mirgi isaanii irraa mulqamee hanga bu’uuraaleen tajaajila hawaasaa irra deddeebiin irraa citutti hacuucamuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haa ta’u malee yeroo uummatni addaan ciccituu fi baduu humna ibsaan wal qabateen dararamaa jiranitti koloneel Abiy Ahimed humna ibsaa irraa hafaa qabna jechuun yeroo dubbatu dhagaa’ama.

Exit mobile version