ONM-ABO Bitootessa 18, 2025
Magaalaa Asoosaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa saboota kan biroo irraa addatti uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun dararaa ulfaataa raawwachuu itti fufuun, Bitootessa 13, 2025 ilma Oromoo kan ta’e jiraataa magaalichaa tokko, kan namoonni hundi maqaa masoo “Baalaatoolii” jechuun waaman, sababa tokko malee morma isaa irra rasaasaan rukutanii ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, magaalicha keessaa yeroo addaa addaatti ilmaan Oromoo qofa ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti illee guuraa kan jiran ta’uun dabalataan eeramee jira.
Ilmaan Oromoo waldhaansoo qaala’iinsa jireenyaa moo’achuu fi rakkoo nageenyaan lubbuu isaanii oolfachuuf kutaalee impaayerattii cufa keessatti faca’anii jiraatan, Oromummaa isaanii qofaaf maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkamanii akka bineensaatti adamfamuun tarkaanfiin hidhaa, hidhaa baafanii gara leenjii waraanummaatti ergamuu hanga ajjeechaatti irratti raawwatamaa jira.

