ONM-ABO Adoolessa 24, 2024
Loltoonni imphaayera Itoophiyaa tiksan badii tokko malee ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu, saamuu, dararuu, mana irratti gubuu fi ajjeesuu hojii idilee isaanii godhatanii kan jiran yommuu ta’u, Oromiyaan alatti illee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun yakkanii hidhaatti guuraa jiraachuun beekamee jira.
Haaluma kanaan, loltoonni kun ilmaan Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa jiraatan maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun namoota hedduu yakkanii hidhaatti guuruun dararaa jiraachuu torban darbe keessa isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Adoolessa 20, 2024 badii tokko malee Oromummaa isaaniif yakkuun namoota maqaan isaanii Tafarii Kabbadaa fi Siraaj Jamaal jedhaman, qabanii hidhuudhaan dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu fi ammas magaalicha keessatti ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti guuruun akkuma itti fufetti jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

