• Sat. Mar 14th, 2026

Magaalaa Asoosaa keessaa caasaan Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Jul 24, 2024

ONM-ABO Adoolessa 24, 2024

Loltoonni imphaayera Itoophiyaa tiksan badii tokko malee ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu, saamuu, dararuu, mana irratti gubuu fi ajjeesuu hojii idilee isaanii godhatanii kan jiran yommuu ta’u, Oromiyaan alatti illee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun yakkanii hidhaatti guuraa jiraachuun beekamee jira.

Haaluma kanaan, loltoonni kun ilmaan Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa jiraatan maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun namoota hedduu yakkanii hidhaatti guuruun dararaa jiraachuu torban darbe keessa isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Adoolessa 20, 2024 badii tokko malee Oromummaa isaaniif yakkuun namoota maqaan isaanii Tafarii Kabbadaa fi Siraaj Jamaal jedhaman, qabanii hidhuudhaan dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu fi ammas magaalicha keessatti ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti guuruun akkuma itti fufetti jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading