ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024
“Dirqamaan na jaalladhuun jaalala hin taatu” akkuma jedhan, murnoonni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo fedhii isaanii malee dirqamaan butuun ” impaayera tiksuuf loli” jedhanii baroota irraa mooraa leenjii waraanaatti guuraa oolu.
Erga leenjisanii baasanii bakka hojii isaaniitti shakkuun dararaa hamaa irraan ga’u.
Dargaggoonni eenyummaa ofii beekan immoo sirnichi nama nyaataa ta’uu fi sirna impaayera leellisu ta’uu isaa erga gadi fageenyaan hubatanii gara kaayyoo uummata Oromoo isa dhugaatti dhufuun irree fi gaachana sabaa kan ta’e WBO’tti makamuun mooraa diinaa onsaa jiraachuun waan mul’atuudha.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa ona Saasiggaa ganda Tokkummaa Tsigee jedhamu irraa waraanni Raayyaa Ittisa Impaayeerattii tokko Waxabajjii 26, 2024 gara Waraana Bilisummaa Oromootti makamee jiraachuun ibsameera.
Akka waraanni kun jedhutti, “ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa akka raawwannuuf dirqamni nutti kennama jedhe.
Osoo hin jaallatin saba keessaa baane reebicha, saamicha, mana gubuu, qe’eerraa godaansisuu fi ajjeechaa irratti raawwataa oolla, amma mooraa sana keessaa ba’ee waraana dhugaan saba keenyaaf qabsaa’utti makamuu kiyyaaf gammachuu guddootu natti dhagaa’amas jedhe.
Dhuma irrattis, kanneen mooraa impaayera nama nyaataa keessa jirtan qawwee fi hidhannoo keessan fidaatii waraana loltuu dhugaa ta’e WBO’tti makamaa” jechuun turtii isaa mooraa diinaa keessatti dabarseef gaabbuun ilmaan Oromoo loltoota impaayerattii keessa jiraniif dhaamsa dabarsee jira.
Hoggaa gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufus ofiisaa mooraa diinaa keessaa qawwee AKM Turkii tokkoo fi hidhannoo mudhii guutuu, rasaasa kilaashii 90, boombii F1 lama fiduun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof godhee jiraachuun himameera.
Karaa WBO’s simannaa hoo’aan taasifamuufiitti hedduu gammaduu fi kana dura iyyuu sababa quunamtii dhabaaf mooraa sirnichaa keessatti dararamaa akka ture ibsa.

