Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaalee Lixa Shaggar Cobii fi Ilfataa keessaa hawaasni loltoota sirnichaan buqqifamuun bosona keessatti dubartii ulfaa dabalatee rakkachaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024

Gara laafinni dhabamuun gareen bineensa caalu bilxiginnaan yakkoota mirga namoomaa har’a  uummata maqaa dha’atu irratti raawwachaa jiru kun dhaabbata mirgoota namoomaa jalaa dhokachuun, akkasumas fuula miidiyaalee addunyaa dhokfamuun raawwachaa jiru godaannisa uummata Oromoo keessaa yoomuu hin baaneedha.

Sirni dubartiif kabaja hin qabne kun loltoota naamusa hin qabne kanneen meeshaa maaliif akka baatan hin beekne, akkasumas hawaasa keessaa dhalatan irratti gocha suukkanneessaa raawwatan itti jajjabeessuun du’a ilmaan Oromoon aangoo isaanii waliif dabaluu irratti argamu.

Ji’a darbe irraa eegaluun aanaa Cobii ganda Diggoo Dachaa, Qorichaa Cobii fi aanaa Ilfataa ganda Dirree Bareedaa fi Saaxoo keessaa namoonni lakkoofsaan 70 ol ta’an dubartii ulfaa, maanguddootaa fi daa’imman harma hootu dabalatee keessatti kan argaman loltoota kashalabbee sirnichaan qe’ee isaanii irraa buqqa’uun bosona keessatti rakkachaa akka jiran baqataan achirraa dubbisne tokko yaada isaa ONM’f himeera.

Namoonni kunneen maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jiraa fi deggartoota WBO’ti jedhamuun qe’ee isaanii irraa buqqa’anii osoo qotanii qabanii qabeenyaa isaaniin ala ta’uun rakkoo hanga kana hin jedhamne dhandhamaa akka jiran dubbata.

Namoota kanneen keessa kan dhukkubsate illee keessatti akka argamuu fi qoricha dhabuun kan du’a eeggachaa jiran  keessatti argamuu dabaluun ibseera.

Exit mobile version