Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti shammaree tokko haala suukkanneessaan hidhattootni sirnichaa ajjeesan

ONM-ABO Waxabajjii 29,2024 Bara dhufaa darbaa roorroo jalaa bahuu dadhabuun uummata Oromoo, har’a aarsaa hamtuu fi dubbachuuf nama saalfachiisu qe’ee isaa irratti akka kaffalu taasisee jira.

Shamarree Burtukee Guddataa kan jedhamtu dhalattuu Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Araarsoo Beerroo yoo taatu haala suukkanneessaan ajjeefamuu jiraataan gandicha  irraa dubbisne tokko dubbata.

Shamarree kanas Guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 27, 2024 gandichuma keessaa qabuun WBO deggarta jedhanii harka duubatti hidhuun reebichaan qaama ishee erga laaffisanii booda haala suukkanneessaan rasaasa itti roobsanii halkan sa’a 2:00’tti ajjeesanii deemuu jiraataan kun dabaluun miira gaddaatiin ibsa.

Namoonni shamarree kana ajjeessisanis namoota maqaan isaanii Birraa Gurmuu, Suufee Babsaa fi Jimmaa Hawaasii kanneen jedhaman lukkeelee diinaa ta’uu hime.

Impaayera dubartiin Oromoo kabaja dhabuun albeen qalamuun ajjeefamtee bakkee keessatti gatamtu,  maanguddoon Oromoo rasaasaan waadamee ajjeefamu keessatti callisuun uummata Oromoo gaaffii kan namatti uumuudha jechuun, uummatni Oromoo tokkummaan ka’ee falmachuun yeroon isaa amma jechuun jiraataan aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Exit mobile version