ONM-ABO Adoolessa 5, 2024
Waraanni maafi’aa PP badii tokko malee sababa WBO’n diinaaf lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii fudhachaa jiruuf jecha isintu nu lolchiisaa jira maqaa jedhuun gocha hawaasni keessaa hin qabneen dararaa jajjabduu qorqalbii namootaa jeeqan guyyuma guyyaan raawwachaa oolu.
Guyyaa dheengaddaa Adoleessa 3, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa ganda Garaadilloo keessatti namoota nagaa 7 ajjeesuun nama tokko kan iddoo booyichaa dhaqe itti dabaluun yoo ajjeesan namoota awwaalcha isaaniif birmatanis reebicha hamaa irratti raawwachuun mana hidhaatti naqanii jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Haaluma kanaan Adoolessa 3, 2024 halka loltoonni sirna bututaa tiksan kunneen uummata nagaa ollaa keessa deemuun reebichaa fi saamicha irratti raawwachuun buqqisanii bakkeetti ar’iuus dabaluun ibsaniiru.
Namoonni hedduunis yeroo ammaa bakkeetti faca’anii waan nyaataa fi dhugaatii akkasumas daannoo dhabuun gidiraa akkaan dubbachuuf nama saalfachiisu keessa akka jiran jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.

