Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gubaatiin manneen namootaa irratti loltoota sirnichaan raawwatamu Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti jabaatee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 25, 2024 

Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti sarbitoonni mirga dhala namaa badii tokko malee hawaasa nagaa qe’ee fi  qabeenya isaanii irraa gubuun uummata harka duwwaatti  hambisuun akka inni of danda’ee  hin jiraanne godhanii jiru.

Guyyaa dheengaddaa Adoolessa 23, 2024 aanaa Adaabbaa ganda Haqoo Karraa keessatti waraanni bilxiginnaa maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun manneen jumlaan gubuu fi qabeenyas saamuu    jiraattonni kun himan.

Namoonni manneen jalaa  gubate kanneen maqaan nu qaqqabe: 

  1. Kadir Haajii Yuuneem
  2. Huseen Haajii Yuuneem
  3. Sadiiq Haajii Yuuneem 
  4. Rahmaan Yuuneem
  5. Qaadiir Yuuneem 
  6. Qadiir Haajii Yuuneem
  7. Abubakar Haajii Yuneem fi 
  8. Amaan Haajii Yuneem kanneen jedhaman ta’uu  jiraattonni ibsan.

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti namoota mana keessaa meeshaa baafanna jedhanii gaafatanis isiniinuu ni gubna jedhanii osoo uummmanni kunneen wantoota mana keessatti argamu midhaan, uffannaa fi meeshaalee manaa tokkollee  hin baafatin jalaa gubanii akka barbadeessanis himaniiru.

Exit mobile version