ONM-ABO Adooleessa 4, 2024
Hindiyaan Roobii kaleessaa lammiileen Hindii waraana Yukireen irratti Raashiyaadhaaf lolan “nagaa fi saffisaan akka deebi’an” dhiibbaa goote.
“Lammiileen Hindii yeroo ammaa naannoo waraanaa keessa jiran irratti yaaddoo cimaa qabnu kaase,” jechuun Ministirri Dhimma Alaa Hindii Subirahmaniyam Jayishankar gita isaanii Raashiyaa magaalaa guddoo Kaazaakistaan Astana, kan walgahii guyyoota lamaaf mana maree hoggantoota biyyootaa keessummeessaa jirtutti erga wal arganii booda X irratti barreessaniiru.
Waraana Guraandhala 2022 eegale kanaan yoo xiqqaate lammiileen Hindii afur waraana Raashiyaaf bobbaafamuun ajjeefamaniiru.
Dhaabbanni qorannoo fi himannaa olaanaa Hindii — Biiroon Qorannoo Giddugaleessaa — ji’a Caamsaa keessa namoota afur lammiilee Hindii humna waraanaa Raashiyaa keessatti gahee lolaa fudhachuuf daldaluu isaaniitiin himataman to’annoo jala oolchuu isaa beeksiseera.
Hindiin michoota dinagdee gurguddoo Raashiyaa keessaa tokko yoo taatu, ji’oota darban keessa boba’aa Raashiyaa galchuu haalaan dabalteetti.
Dubbi himaan Raashiyaa Dimitiri Peeskov Kibxata dheengaddaa akka jedhanitti, qophiin daawwannaa muummichi ministeera Hindii Naareendiraa Moodiin Raashiyaatti taasisan ”sadarkaa dhumaa seeneera” jechuun Anaadooluun gabaaseera.

