• Fri. Mar 27th, 2026

Hindiin Raashiyaan lammiilee ishee naannoo waraanaa Yukireen irraa gara biyyaatti akka deebitu gaafatte

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adooleessa 4, 2024

Hindiyaan Roobii kaleessaa  lammiileen Hindii waraana Yukireen irratti Raashiyaadhaaf lolan “nagaa fi saffisaan akka deebi’an” dhiibbaa goote.

“Lammiileen Hindii yeroo ammaa naannoo waraanaa keessa jiran irratti yaaddoo cimaa qabnu kaase,” jechuun Ministirri Dhimma Alaa Hindii Subirahmaniyam Jayishankar gita isaanii Raashiyaa magaalaa guddoo Kaazaakistaan Astana, kan walgahii guyyoota lamaaf mana maree hoggantoota biyyootaa keessummeessaa jirtutti erga wal arganii booda X irratti barreessaniiru.

Waraana Guraandhala 2022 eegale kanaan yoo xiqqaate lammiileen Hindii afur waraana Raashiyaaf bobbaafamuun ajjeefamaniiru.

Dhaabbanni qorannoo fi himannaa olaanaa Hindii — Biiroon Qorannoo Giddugaleessaa — ji’a Caamsaa keessa namoota afur lammiilee Hindii humna waraanaa Raashiyaa keessatti gahee lolaa fudhachuuf daldaluu isaaniitiin himataman to’annoo jala oolchuu isaa beeksiseera.

Hindiin michoota dinagdee gurguddoo Raashiyaa keessaa tokko yoo taatu, ji’oota darban keessa boba’aa Raashiyaa galchuu haalaan dabalteetti.

Dubbi himaan Raashiyaa Dimitiri Peeskov Kibxata dheengaddaa akka jedhanitti, qophiin daawwannaa muummichi ministeera Hindii Naareendiraa Moodiin Raashiyaatti taasisan ”sadarkaa dhumaa seeneera” jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading