ONM-ABO Adooleessa 4, 2024
Guyyaa guyyaan uummata Oromoo lafarraa fixuuf walga’ii godhatee haala ittiin dhabamsiisu karoorsaa kan oolu gareen maafiyaa bilxiginnaa godina Jimmaatti marii magaalaa Jimmaa keessatti geggeessaniin hawaasa nagaa fixuuf karoorsuun ifa ba’eera.
Hooggantoonni bilxiginnaa godina Jimmaa jala jiran waltajjii hoteela Dololloo jedhamutti Adoolessa 1, 2024 geggeessaniin addatti aanaalee akka: Sigimoo fi Limmuu irratti xiyyeeffachuun namoota ” hidhata WBO qabu” jedhamanii shakkaman hunda irratti tarkaanfii fudhachuuf waliigaluu iccitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.
“Namoota shakkitan hunda hordofaa, fuula haaraa yoo agartan tarkaanfii irratti fudhadhaa ykn ajjeesaa” jechuun waliigaluun isaaniis ibsameera.
Kana malees, waraana qaban hunda kanneen akka: milishaa, Humna Addaa Oromiyaa, Raayyaa Ittisa Impaayerattii fi ergamtoota hunda duula shakkamtoota barbaaduutti bobbaasuuf karoorsuun isaanii odeessi qaama nageenyaa godinichaa irraa ba’e ni addeessa.


