ONM-ABO Adooleessa 4, 2024
Afaaniin nagaa labsaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa kan jiru PP’n magaalaa Hoolotaa keessaa dargaggoota adamsee qabuun hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame.
Gaafa Waxabajjii 30, 2024 dargaggoota maqaan isaanii: Daamxoo Abaataa Jimaa, Abbabaa Nugusee Bulbulaa fi kanneen biroo hedduu ta’an qabanii badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhuu jiraattonni magaalichaa himan.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, dargaggoonni hidhaman kun magaalaa Finfinnee irraa gara ona Meettaa Walqixxee ganda Wagiddii Baddeessaa fi Lumaa Taatessaa irraa maatii dubbisuuf osoo galaa jiranii qabamuun hanga ammaatti gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii magaalichaatti hidhamanii jiraachuu dubbatu.
Magaalichatti ilmaan Oromoo hedduun ukkaamfamuun hiraarfama ulfaataa argaa jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




