Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa  Jalduu keessatti hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 4, 2024

Namoota nagaa gidirsuun hojii farreen ergamtoota koloneel Abiy Ahimed yoo ta’u,  hawaasuma keessaa dhalatan irratti gara laafinni dhabamuun akka lammii biyya biraatii dhufaniitti ilaalanii gochoota dhala namaa irratti hin raawwatamne uummanni Oromoo qe’ee isaa irratti kabajaa fi mirgi namummaa irraa mulqamuun ta’ee jira.

Roorrifama harka namaan itti dhufte uummanni Oromoo har’a callisee akka waan kennaa Rabbi irraa kennameefiitti ilaaluun isaa barumaan hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi buqqaatiif isa saaxilaa jira.

Namoota hawaasa isaanii keessatti jaallatamummaa qabanii fi beekaa sabni abdatu aangoo kiyyaaf rakkoodha jechuun yeroo hedduu irra deddeebiin gochoota suukkanneessaa hawaasa Oromoo irratti akkuma raawwatan, Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Shukkutee keessaa guyyaa kaleessaa Adooolessa 3, 2024 namoota maqaan isaanii Obbo Balaachoo Dabalaa, Guddataa Itichaa daldaltoota kan ta’anii fi Obbo Guyyaa Hirkoo hojjetaa mana  yaalaa kan ta’e sababa tokko malee qabanii hidhuun yeroo ammaa hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.

Namoonni qabaman kunneenis yakka dalagan qabaatanii osoo hin taane hawaasuma isaanii keessatti jaallatamummaa fi nama gargaaruun waan beekamaniif jecha kashalabboonni sirnichaa hidhaatti dararaa jirus jedhan.

Exit mobile version