Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Loltoonni Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bakka lolaa irraa baqachuu isaaniitiin murtiin du’aa itti murtaa’e

ONM-ABO Adoolessa 5, 2024

Loltoonni 25 waraana Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo waliin lola finciltoota maqaa gaarii qaban M23 Baha biyyattii walitti bu’iinsaan miidhame keessatti baqachuu isaaniitiin murtiin du’aa itti murtaa’e.

Loltoonni kunneen bakka isaanii gadhiisanii booda ganda dhiyeenya jiru tokko keessatti dukkaana irraa meeshaalee hatuudhaan mana murtii waraanaatiinis hannaan yakkamaa ta’uu dubbi himaan raayyaa ittisa Koongoo himaniiru.

Haadholii manaa loltootaa keessaa afur meeshaa abbaa warraa isaanii saamame fudhachuu isaaniitiin mana murtii waraanaatiin bilisa ta’aniiru.

Abukaatoon loltoota kanaa, isaan keessaa lama Kaapteenii ta’an, murtii kana irratti ol’iyyannoo akka dhiyeessan kan himan yoo ta’u, murtiin kun roobii darbe mana murtii waraanaa bulchiinsa Koongoo Kaaba Kiivuu keessatti argamuun murtaa’e.

 Namoota 25 murtii du’aa argatan malees loltuun tokko hidhaa waggaa 10 itti murtaa’ee, kan biraa immoo bilisa ta’eera.

Finciltoonni M23 guyyoota muraasa darban keessa magaalaa tarsiimoo Kaniyaabayoongaa dabalatee magaalota hedduu qabataniiru.

Biyyi ollaa Ruwaandaan M23 deggaruun bal’inaan kan himatamu yoo ta’u, mootummaan Kiigaalii garuu kana ni haale.

Mootummootni Gamtoomanii haalli amma Kaaba Kiivuu keessa jiru ” yaaddessaa” ta’uu ibseera.

Torban darbe keessa namoonni nagaa 150,000 ol ta’an qe’ee isaanii baqachuu isaanii kan ibse yoo ta’u, naannoo namoonni miliyoona 2.8 ta’an duraanuu qe’ee isaanii irraa buqqa’anii turan keessatti rakkoo namoomaa hammeessee jira.

Kaabni Kiivuun hojjettoota gargaarsa namoomaafis ”balaa” ta’uu UN dabalee ibseera.

Sanbata darbe hojjettoonni gargaarsaa dhaabbata tola ooltummaa Tiifand waliin hojjetan lama konkolaataa isaanii magaalaa Buteemboo keessatti haleellaan erga raawwatamee booda ajjeefamaniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version