ONM-ABO Fulbaana 26, 2024
Pireezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Roobii kaleessaa hawaasni addunyaa Ruwaandaa garee finciltoota M23 deeggarti jedhamtee qoqqobbii xiyyeeffannoo qabu akka irra kaa’u gaafataniiru.
Feeliks Tishisekedi haasaa yaa’ii waliigalaa UN 79’ffaa Niiw Yoorkitti gaggeeffame irratti taasisaniin, Ruwaandaan baha Koongoo bakka finciltoonni M23 humnoota mootummaa waliin wal lolan “tasgabbii dhabsiisaa” jirti jechuun himataniiru.
”Haalli baha DR Koongoo keessa jiru addatti yaaddessaadha; Gareen shororkeessummaa M23 deebi’ee ka’uun isaa rakkoo namoomaa kanaan dura hin argamne kan uume yoo ta’u, namoonni gara miliyoona 7 ta’an biyya keessaa buqqa’aniiru,” jedhan.
DR Koongoo fi biyyoonni dhihaa Ruwaandaan garee finciltootaa M23 erga bara 2021 deebi’ee ka’ee naannoo bahaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti lolan keessaa tokko akka deggartu himatu, himannaa Kiigaaliin yeroo hunda ni haalti.
Kiigaaliin dabaree isheetiin Kinshaasaan finciltoota Ruwaandaa Humnoota Dimookiraatawaa Bilisummaa Ruwaandaa (FDLR) kan galmi isaanii mootummaa Ruwaandaa kuffisuu ta’e keessummeessitee jirti jechuun himatti.
Dhukaasa dhaabuun dhiheenya kana Pirezidaantii Angoolaa Jowoo Lurenko gidduu galeessa godhate guutummaatti hojiirra kan hin oolle yoo ta’u, bulchiinsa Kaaba Kivu keessatti loltoota mootummaa fi finciltoota M23 gidduutti lolli uumamuu gabaafameera.
Ji’a darbe waraanni Koongoo finciltoonni M23 lola ta’e booda dhukaasa dhaabuu cabsaniiru jechuun himate.
DR Koongoon gara waggoota kurnan sadiif jeequmsa gareewwan hidhatan adda addaatiin qophaa’een rakkachaa turte.
Dhiheenya kana naannoolee bahaa sadan kaaba Kivu, kibba Kivu, fi Ituri keessatti ji’oota afran jalqabaa bara kanaa keessatti namoonni 900,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jedha UN jechuun BBC’n gabaaseera.

