ONMABO Adooolessa 10, 2024
Waraanni Yugaandaa garee finciltoota M23 kan Baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti socho’uuf deggarsa taasiseera jedha gabaasni Mootummoota Gamtoomanii Rooyitars Wiixata dheengaddaa agarsiise. Walitti bu’iinsi achitti hammaataa dhufe sodaa waldhabdee haaraa hunda galeessa ta’e uumuuf boba’aa ta’a jedhame.
Yugaandaan humnoota mootummaa Koongoo waliin walitti dhiyeenyaan tumsaa jirra jechuun hirmaannaa garee finciltootaa kana keessatti taasisaa jirtu haaluun ishee ni yaadatama.
Mootummootni Gamtoomanii yeroo dheeraaf Ruwaandaan M23 kan irra deddeebiin Baha Koongoo albuudaan badhaadhe bal’aa qabate deggarti jechuun himachaa turus, himannaa kana Ruwaandaan haaltee turte.
Yugaandaa fi Ruwaandaan bara 1996 fi 1998 garee milishaa biyya keessaa irraa ittisa jedhanii weeraran. Yugaandaan ammallee loltoota Koongoo waliin garee finciltoota Yugaandaa irratti duula waloo gaggeessaa jirti.
Finciltoonni M23 Tusiin durfamu bara 2022 irraa eegalee Baha Koongoo milishootaan rakkatte keessatti fincila haaraa gaggeessaa jiru.
Loltoonni Yugaandaa qaama humna naannoo Sadaasa bara 2022 dhukaasa dhaabuu M23 waliin hordofuuf bobbaafame keessaa tokko turan. Angawoonni Koongoo humni kun bu’aa hin qabu jechuun bara darbe akka ofirraa bahu gaafataniiru.
Gabaasni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhutti loltoonni Ruwaandaa gara kuma 3-4 ta’an waraana Koongoo keessatti finciltoota M23 cinatti lolaa turan. Waraanni Ruwaandaa “to’annoo fi kallattii qabatamaan hojii M23 irratti qabus Ruwaandaan gocha M23 kanaaf itti gaafatamummaa akka qabdu taasisa” jedhan ogeeyyiin kunneen jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

