Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

DRC’n deggarsa finciltoota M23 jedhame irratti ergamaa Yugaandaa waamte

ONM-ABO Adoolessa 22, 2024

Ministeerri Dhimma Alaa Koongoo gabaasa Mootummoota Gamtoomanii Yugaandaan garee finciltootaa March 23 Movement (M23) deggara jedhu hordofuun itti gaafatamaa dhimma Yugaandaa Matataa Tiwaha waamuun isaa ni yaadatama.

Gabaasni jalqaba baatii kanaa ba’e kun waraanni Yugaandaa garee M23 — garee baha Koongoo keessatti socho’uu fi Ruwaandaa waliin hidhata qabu deggaraa jira jedha. Humnoonni Ruwaandaa finciltoota M23 cinaa socho’aa turuun nageenya naannichaaf walxaxaa akka ta’e ibseera.

Itti aanaan ministeera haajaa alaa Giraashiyaa Yaambaa Kaazadii Jimaata darbe Tiwahaa waamuun himannaa kana irratti mari’ataniiru.

Tiwahaan himannaa kana haaluun Yugaandaan tasgabbii naannoo fi tumsa mootummaa Koongoo waliin taasisuuf kutannoo qabaachuu  irra deebi’anii ibsaniiru. Jalqaba baatii Bitootessaa keessa Koongoon haleellaa loltoota ishee irratti raawwatteef ambaasaaddara Ruwaandaa yaadachiiftee turuun, Ruwaandaan finciltoota M23 naannoo bahaa Tichaanzuu fi Runyonyi keessatti argaman deggartee jirti jechuun himattee turte.

Haleellaan M23 Sadaasa bara 2021 irraa eegalee haaromfameen namoota kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisuu fi waldhabdeen Ruwaandaa fi Koongoo gidduu jiru akka cimu taasiseera.

Koongoon Ruwaandaan lafa albuudaan badhaadhe fayyadamuuf yaaluun ishee fi M23 deggarti jechuun himatti, himannaa kana Ruwaandaan ni haalte.

M23’n gosa Pirezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee kan ta’an Tuutsii irraa ijaarame jechuun TRT Afrikaan gabaasee.

Exit mobile version