ONM-ABO Adoolessa 8, 2024
Gara kuteessi sabaa cunqursaa uummata Oromoo irraa kaasee bilisummaa dhugaa fakkeessii irraa walaba ta’e argamsiisuuf guyyuu diina waliin lola cimaatti jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.
Hanga uummanni Oromoo irree isaa ofiin murteeffachuu danda’utti dhukaasa kan hin dhaabne WBO’n Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa aanaa Qarcaa ganda Dabaqqaa jedhamu keessatti dheengadda galgala Adoolessa 6, 2024 tarkaanfii humna diinaa irratti fudhateen 5 irraa ajjeesuun 9 madoo keessa deebii hin qabneen adabee jira.
Madoon ishees yeroo ammaa hospitaala magaalaa godina Bulee Horaatti yaalamaa akka jirtus beekameera.
Gama meeshaatiinis AKM tokko 1, rasaasa PKM 400, jorooroo PKM 100, Arbeejjii 50, boqqolloo ardaba 10 fi uffata waraanaa 60 irraa hiikuun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

