• Sun. Mar 15th, 2026

Jajjabeen WBO Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa aanaa Qarcaa keessatti tarkaanfii humna diinaa irratti fudhateen du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa gosa garaagaraa irraa hiike

Jul 8, 2024

ONM-ABO Adoolessa 8, 2024

Gara kuteessi sabaa cunqursaa uummata Oromoo irraa kaasee bilisummaa dhugaa fakkeessii irraa walaba ta’e argamsiisuuf guyyuu diina waliin lola cimaatti jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Hanga uummanni Oromoo irree isaa ofiin murteeffachuu danda’utti dhukaasa kan hin dhaabne WBO’n Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa aanaa Qarcaa ganda Dabaqqaa jedhamu keessatti dheengadda galgala Adoolessa 6, 2024 tarkaanfii humna diinaa irratti fudhateen 5 irraa ajjeesuun 9 madoo keessa deebii hin qabneen adabee jira.

Madoon ishees yeroo ammaa hospitaala magaalaa godina Bulee Horaatti yaalamaa akka jirtus beekameera.

Gama meeshaatiinis AKM tokko 1, rasaasa PKM 400, jorooroo PKM 100, Arbeejjii 50, boqqolloo ardaba 10 fi uffata waraanaa 60 irraa hiikuun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading