ONM-ABO Adoolessa 9, 2024
Haaluma wal fakkaatuun Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti waraanni faashistii impaayera Itoophiyaa biyyan bulchaa jira ofiin jedhu kun, lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu waan dadhabeef maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruu akka tooftaatti qabatee uummata dararaa jira.
Haaluma kanaan Adoolessa 7, 2024 waraanni goolessaan sirnichaa Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laaloo Nooraa iddoo addaa Mootee jedhamu keessati maqaa maatii keessantu WBO’dha jedhuun namoota maqaan isaanii Adam Kadir, Baxaamuu Dirribaa, Alii Aburayii, Shoraa Abdataa, Xahaa Hundeessaa, Idiris Dassahuu, Biraanuu Ittaanaa, Waaggaarii Shuumaa, Maarii Abdataa jedhaman kana qabuun mooraa waraana isaanii keessatti hidhuun dararaa akka jiran jiraattotni achirraa dubbisne tokko ONM’tti himeera.
Waraanni kun namoota kanneen irratti reebicha hamaa irraan ga’aa kan jiran yoo ta’u ganduma kana iddoo addaa Mootee malee bakka hedduu irraa qabaa kan jiran ta’uu fi reebichi hamaan namoota nagaa irratti raawwachuun walqabatee namootni miidhamanii mana yaalaa aanichaatti dararamaa akka jiran illee dabaluun jiraataan kun ibseera.

