Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gaazexeessaan ONN  Sooraa Jirmaa Alii sirna awwaalcha qondaala ABO jaal Battee Urgeessaa irratti waraana faashistii PP’n kan qabame hanga har’aatti bakka inni bu’e hin beekamin jiraachuun himame

ONM- ABO Adooolessa 9, 2024

Falmaan mirga dhala namaa fi gaazexessaan Sooraa Jirmaa Alii hojii miidiyaan sagalee hawaasa isaaf ta’ee miidiyaa ONN irra kan hojjechaa ture, hojii haqaa fi rakkoo hawaasa isaa sababa dubbatu qofaaf bulchiinsa impaayeerattii keessatti baroota dheeraaf hiraarfamaa akka ture hiriyyoonni isaa dubbatu. 

Gaazexeessaa Sooraan kan inni dhalatee guddate Kibba Oromiyaa godina Booranaa ta’uu maddeen keenya kan nuuf qoodan, yakkoota hammeenyaa raawwate osoo hin qabaatin murna maafiyaa PP’n doorfimaa tureera.

Sooraan hojii ogummaa gaazexeessummaan cinatti yuunvarsiitii Kiiloo 6 irraa  barnoota isaa digirii lamaffaa barachaa akka ture kan himamu yoo ta’u, guyyaan eebba isaas dheengadda Adooleessa 6, 2024 ture.

Barnoota isaa irraa addaan cituun hanga gabaasni kun qindaa’etti waraana faashistii PP’n magaalaa Maqii irraa erga qabamee dhabamsiifamee kaasee haalli inni keessa jiru hin beekamin jiraachuu maddeen nuuf eeran.

Hiriyoonni fi maatiin isaa gadda guddaa keessa kan jiran, sirni jibba uummata Oromoo irraa qabu bilxiginnaan  hayyoota Oromoo ajjeesee namoota gadda irratti hirmaatan hidhuu kan aadeffate, guyyaa Jaal Batteen ajjeefaman kanas namoonni humnoota waraana abbaa irree bilxiginnaan butaman hunduu harka isaaniitti hiraarfamaa fi gariin magaalaa Maqii keessatti akka ajjeefaman ONM odeeffateera.

Akka Dhaabbanni Mirga Gaazexessitootaaf Falmu CPJ’n gabaasa baatii Waxabajjii darbeen beeksisetti gaazexessitni 54 miidiyaan isaanii cufamuu fi ari’annaa irraan kan ka’e biyyoota gaanfa Afrikaa, Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaatti godaananii jiraachuu ibsee ture.

Exit mobile version