ONM-ABO Ebla 12, 2024
Sirni tuffii uummata Oromoof qabu ifaan ifatti muli’suun ajjeechaa jumlaa raawwachuu dabalatee namoota qabuun achi buutee dhabamsiisaa jiru bilxginnaan guyyuu namoota qaroo biyyaa ta’an adamsee achi buutee dhabamsiisaa jira.
Gaazexeessaa fi barataa Yuuniverasitii Finfinnee kan ture dargaggoo Soraa Jirmaa sirna awwaalchaa Jaal Battee Urgeessaa irratti argamuuf wayita deemetti murna bilxiginnaan butamuun achi buuteen isaa dhabamuun beekame.
Dargaggoon kun nama siyaasa irraa bilisa ta’ee barumsa isaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru ta’uu fi sirnichi ta’e jedhamee namoota jajjaboo balleessuuf karoorfatee hojjiitti akka jirus ibsan.

