Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti waraanni murna biltsiginnaa wal ajjeessaa jiraachuu fi dargaggoota qabanii dhabamsiisaa jiraachuun beekame 

ONM- ABO Eebila 28, 2023

Ilmaan Oromoo wal irratti duulchisuun teessuma aangoo isaa  cimsachuuf jecha humnoota waraanaa hedduu ijaaruun murni biltsiginnaa bobbaasee, uummata Oromoo saamaa, hidhaa fi ajjeessaa kan oolu yoo ta’u, humnoota isaanii keessaa namoota quuqama sabaa qabaatanii maaliif lammiiwwan nagaa ajjeestu, hiituu fi saamtu jechuun gaafatanis of keessaa ajjeesaa jiru

Haaluma kanaan torbee darbe godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu keessatti ilmaan Oromoo miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa ta’uun impaayerichuma tajaajilan namoota sabboonummaa qaban isin deggertoota waraana Bilisummaa Oromooti jechuun namoota sadii ajjeessuun beekameera.

Miseensota humna addaa Oromiyaa keessaa ijoolleen isaan ajjeesan dhalootaan namni lama godina lixa wallaaggaa magaalaa Gimbii yoo ta’an namni tokko ammoo godina Qellem Wallaggaa ona Gaawoo Qeebbee ta’uu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Godinuma Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu keessatti barataa Boonii Kabbee jedhamu, barataa yuuniversitii Riifti Vaalii damee Shambuu waggaa 3ffaa ta’e Waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun ji’a sadii dura butuun achi buutee dhabamsiisanii jirachuus addeessaniiru.


Exit mobile version