ONM-ABO Adoolessa 10, 2024
Humna waraanaa hedduu leenjisuu irraan kan ka’e impaayerattii keessatti bilxiginnaa kisaaraa dinagdee hamaan kan qaqqabe yoo ta’u, maallaqa ittiin waraana isaa nyaachiffatu uummata irraa saamaa jira.
Godinni Booranaa aanaalee 11 kan qabu yoo ta’u, aanaa tokkoon tokkoo irraa qarshii 20,000,000 akka guuramu kaabinoota godinaa gara aanaatti dirqama kana laachuun beekame.
Addatti aanaan Mooyyaalee gandoota 18 kan of jalaa qabdu yoo taatu ganda tokkotti ammoo miliyoona tokkoof kuma dhibba tokkoof dhibba tokkoof kudha tokko 1,111,111 ramaduunis beekamee jira.
Kanumaan wal qabatee uummanni aanaa Mooyyaalee nuti baruma dhufaa darbaan sirna abbaa irreen qabeenyi keenya saamama jechuun, yeroo kana immoo ofiiyyuu waan ittiin jiraannu dhabnee rakkachaa jirras jedhan.
Maallaqa funaanamaa jiru kana yoo hin kaffalle ta’e tarkaanfii hanga qe’ee irraa buqqa’uu akkasumas tajaajila dhorkachuutu isin irratti fudhatama jechuun hawaasa shororkeesssaa jiraachuu jiraattotni himan.
Kana malees uummanni rakkoo caasaan bilxiginnaa uumu dheessuun gara Keeniyaatti baqachaa akka jiranis dabaluun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

