• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Booranaa aanaalee godinichi qabu 11 keessatti murni bilxiginnaa saamicha raawwachuuf kaabinoota ramaduun beekame

Jul 10, 2024

ONM-ABO Adoolessa 10, 2024

Humna waraanaa hedduu  leenjisuu irraan kan ka’e impaayerattii keessatti bilxiginnaa kisaaraa dinagdee hamaan kan qaqqabe yoo ta’u, maallaqa ittiin waraana isaa nyaachiffatu uummata irraa saamaa jira.

Godinni Booranaa aanaalee 11 kan qabu yoo ta’u, aanaa tokkoon tokkoo irraa qarshii  20,000,000 akka guuramu kaabinoota godinaa gara aanaatti dirqama kana laachuun beekame.

Addatti aanaan Mooyyaalee gandoota 18 kan of jalaa qabdu yoo taatu ganda tokkotti ammoo miliyoona  tokkoof kuma  dhibba tokkoof dhibba tokkoof kudha tokko 1,111,111  ramaduunis beekamee jira.

Kanumaan wal qabatee uummanni aanaa Mooyyaalee nuti baruma dhufaa darbaan sirna abbaa irreen qabeenyi keenya saamama jechuun, yeroo kana immoo ofiiyyuu waan ittiin jiraannu dhabnee rakkachaa  jirras jedhan.

Maallaqa funaanamaa jiru kana yoo hin kaffalle ta’e tarkaanfii hanga qe’ee irraa buqqa’uu akkasumas tajaajila dhorkachuutu isin irratti fudhatama jechuun hawaasa shororkeesssaa jiraachuu jiraattotni himan. 

Kana malees uummanni rakkoo caasaan bilxiginnaa uumu dheessuun gara Keeniyaatti baqachaa akka jiranis dabaluun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading