Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Raayyaa Ittisa Impaayeerattii tokko godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa irraa hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

ONM-ABO Adoolessa 10, 2024

Sirni impaayera Itoophiyaa hundee isaa gadi jabeessee dhaabuuf jecha sabaa fi sablammoota hunda hiraarsuun mirga hiree ofiin murteeffannaa isaanii mulqee dargaggoota humnaan qabuun gara leenjii waraanaatti ergaa kan jiru yommuu ta’u, kanneen sirnichi nama nyaataa ta’uu isaa hubatan mooricha keessaa gadi dhiisanii ba’aa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa mooraa Liqixii jedhamu irraa waraanni Raayyaa Ittisa Impaayeerattii tokko kan sabaan ‘Uummattota Kibbaa’ ta’e guyyaa dheengaddaa jechuun Adoolessa 8, 2024 Waraana Bilisummaa Oromootti fedhii isaan harka kennatee jiraachuun ibsameera.

Akka waraanni kun jedhutti, “ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa akka raawwannuuf dirqamni nutti kennama. Osoo hin jaallatin uummata irratti reebicha, saamicha, ajjeechaa, mana gubuu fi qe’eerraa godaansisuu irratti raawwataa oolla. Osoo sammuun kiyya itti hin amaninan haala hin beekamneen itti seene jechuun loltuu Abiy Ahimed ta’uu isaatti gaabba. 

Amma mooraa sana keessaa ba’een fedhii koon osoo qunnamtii tokkollee hin qabaatin harka kennadhe. Amma kunuunsa naaf godhame hundaaf gammachuu guutuun qaba jechuun mooraa sana keessaa ba’uu kootti galanni Waaqa haa ga’u jechuun gammachuu itti dhagaa’ame ibse. 

Qawwee AKM Turkii 1, hidhannoo fi boombii F1 sadii fiduun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof godhee jiraachuun himameera.

WBO’n dhuguma loltuu haqaati, hololli bilxiginnaan jedhu soba jechuun kanneen bilxiginnaa fi Abiy Ahimediin tiksuuf qawwee baattanii jirtan WBO’tti harka kennadhaa jechuun dhaamsa dabarseera. 

Exit mobile version