Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti namoonni nagaan sadii loltoota sirnichaan ajjeefaman

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti hidhaa, ajjechaa, reebicha, saamichaa fi gocha aadaaf safuu hawaasichaa cabsu raawwachuu, akkasumas;  qabeenya isaanii ibiddaan barbadeessuun mootummaa abbaa irreetiin iddoo hundatti jabaatee itti fufee jira. 

Ajjeechaan uummata fayyaalessa irratti raawwatamaa jiru golee Oromiyaa mara keessatti jabaatee kan itti fufee jiru yoo ta’u, addatti ammoo waggaa tokkoo asitti bifa uummaticha lafa irraa dhabamsiisuun godinaalee Arsii lamaan keessatti lotootni heddumminaan bobbaafaman gochi badii isaan raawwachaa jiran ragaadha jechuun jiraattotni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ibsu.

Haaluma kanaan Adoolessa 9, 2024 aanaa Sirkaa ganda Soolee Diigaluutti loltoonni ajjeechaaf ajaja fudhatanii bobbaafaman kunneen qonnaan bultoota hojii qonnaa dalaguun jiraatan 3 mana keessaa gadi waamuun erga fuudhanii deemaniin booda bakka jireenya isaanii irraa siqsuun rasaasaan tumanii ajjeesuun hallayyaatti gatanii deemuu jiraattonni bakkichaa ONM’f himan.

Namoonni mana keessaa fuudhamuun ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Siraaj Abbaas, Nashaa Kadiroo fi Haloo Mahaammad kanneen jedhamaniidha.

Namoota kanas hanga  Adoolessa 11, 2024’tti maatii fi hawaasni akka reeffa kaafatee hin awwaallanne gochuu jiraattonni dabaluun ibsaniiru. 

Jaarsolii reeffi namoota kanaa akka awwaalamuuf kaasuuf dhaqan irratti reebichi hamaan  raawwatamuu fi isinuu bor akkuma kanatti ajjeefamtanii awwaalcha dhabdu jechuun hawaasa gandichaatti roorrisuus himaniiru.

Exit mobile version