ONM-ABO Adoolessa 12, 2024
Ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo irratti xiyyeeffatanii dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Kolonel Abiy Ahimediin kanneen bobbaafaman dararaa hamaa uummata irraan ga’aa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Algeetti ergamtootni bilxiginnaa kun jiraattota aanichaa garmalee reebuu fi saamuu cimsanii itti fufuun himameera.
Onicha keessaa gandoota Hagayyoo Mogosii fi ganda Hagarree Buunnoo jedhaman keessatti waraanni sirna nama nyaataa impaayerittii jedhaman gandoota kanarra qubachuun caasaa bulchiinsa bilxiginnaa waliin ta’uun manneen uummataarra deemanii “walga’ii yaa’uu diddan” jedhanii reebicha hamaa ta’e irratti raawwataa jiraachuu maddeen ibsan.
Dabalataanis, “dirqamni nyaata waraanaa dhiheessuu isinirra jira” jechuun maallaqa hawaasaa saamaa kan jiran yommuu ta’u, namni waan tokko hin qabu jedhamu gadaanaan isaa qarshii dhibba lama lama, namoota kaan irraa immoo qarshii 500-1000 humnaan dirqamsiisuun uummata irraa funaanaa jiraachuu itti dabaluun himaniiru.

