ONM-ABO Adoolessa 14, 2024
“Humnaan nyaataniif humna hin ta’u” akkuma jedhamu waraanni faashistii PP baay’inatti amanuun namoota Oromiyaa keessa jiraatan hundaaf karoora leenjii waraanaa fi gaachana sirnaa akkasumas; milishoota sirna tokko qofaa tiksan ijaaruuf bulee ka’ee namoota butuun beekama.
Haa ta’u malee namoonni gara jabummaa sirna bilxiginnaa gadi fageenyaan hubatan hunduu sirna namoota nagaa ajjeesee dhaddacha seeraatti dhiyaachuu osoo qabuu sababa namooota nagaa ajjeesu qofaaf taayitaan kennamuuf hin utubnu jechuun sirna balfamaa keessaa baduu jabeessanii jiru.
Keessattuu erga Caamsaa 28, 2024 labsiin Bobbaa Irbuu Shinniggaa Waraana Bilisummaa Oromootiin labsamee kaasee injifannoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo guutuu Oromiyaatti argachaa jiru diinaaf rifaatuu kan ta’e godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti loltoonni bilxiginnaa maqaa gaachana sirnaan waamaman danuun WBO’tti makamuu maddeen gamasii nuuf eeraniiru
Abbootii fi dargaggoonni dirqamaan guuraman kunneenis yeroo ammaa maatii isaanitti deebi’anii jireenya hawaasummaa jiraachaa akka jiranis itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

