ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024
Tibba kana ergamtoonni bilxiginnaa akkuma guutuu Oromiyaatti akka saree maraatuu olii fi gadi fiiguun hawaasa nagaa gaja’uu, hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii jiru.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Odaa jedhamu keessatti Onkoloolessa 20, 2024 loltoonni koloneel Abiy Ahimed namoota sirna awwaalchaa irra jiran mana amantaa keessatti itti marsuun kanneen fiigicha danda’an fiiguun yoo harkaa miliqan kanneen fiiguu dadhaban ammoo ukkaamsanii reeffa illee osoo hin awwaalin mana amantaa keessatti dhiisanii kan deeman yoo ta’u, hawaasni duruma sodaa guddaa waan qabuuf boolla reeffi itti awwaalamullee halkan sana galgala qotaa bulan jechuun maddeen ONM’f eeranii jiru.
Namoota ukkaamfaman keessaa muraasni maqaa isaanii arganne:
- Naadoo Qinaaxxii,
- Tasgaraa Bultii,
- Yimaanee Mararaa,
- Geendaa Lataa,
- Dhibbisaa Lataa fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.
Dabalataan, gandichuma keessaa guyyuma kana yeroo wal fakkaataatti mana Amantaa Guutuu Wangeelaa kan biroo gandicha keessatti argamu keessaa dargoota baay’een isaanii barattoota ta’an waraanni sirnichaa mana amantaatti itti ol seenuun guuranii deemuun beekameera.

