• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti ergamtoonni bilxiginnaa uummata nagaa sirna awwalchaaf ba’an leenjii waraanaaf ukkaamsuun reeffis akka hin awwaalamne taasisuun dhagaa’ame

Oct 28, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024 

Tibba kana ergamtoonni bilxiginnaa akkuma guutuu Oromiyaatti akka saree maraatuu olii fi gadi fiiguun hawaasa nagaa gaja’uu, hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii jiru.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Odaa jedhamu keessatti Onkoloolessa 20, 2024  loltoonni koloneel Abiy  Ahimed namoota sirna awwaalchaa irra jiran mana amantaa keessatti itti marsuun kanneen fiigicha danda’an fiiguun yoo harkaa miliqan kanneen fiiguu dadhaban ammoo ukkaamsanii reeffa illee osoo hin awwaalin mana amantaa keessatti dhiisanii kan deeman yoo ta’u, hawaasni duruma sodaa guddaa waan qabuuf boolla reeffi itti awwaalamullee halkan sana  galgala qotaa bulan jechuun maddeen ONM’f eeranii jiru.

Namoota ukkaamfaman keessaa muraasni maqaa isaanii arganne:

  1. Naadoo Qinaaxxii,
  2. Tasgaraa Bultii,
  3. Yimaanee Mararaa,
  4. Geendaa Lataa,
  5. Dhibbisaa Lataa fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.

Dabalataan, gandichuma keessaa guyyuma kana yeroo wal fakkaataatti mana Amantaa Guutuu Wangeelaa kan biroo gandicha keessatti argamu keessaa dargoota baay’een isaanii barattoota ta’an  waraanni sirnichaa mana amantaatti itti ol seenuun guuranii deemuun beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading