Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Iraaq keessatti walitti bu’iinsa garee hidhattoota Daa’ish waliin uumameen poolisootni afur ajjeefaman

ONM-ABO Adoolessa 15, 2024

Baha Iraaq bulchiinsa Diyaalaatti Sanbata darbe humnoota mootummaa Iraaq fi hidhattoota Daa’ish gidduutti walitti bu’iinsa uumameen poolisoonni afur du’uu fi yoo xiqqaate sadii madaa’uu isaanii maddeen poolisii fi yaalaa himan.

Walitti bu’iinsi kun kan uumame yeroo poolisii fi humnoonni waraanaa hidhattoota naannoo lafa qonnaan bulaatti da’oo godhatan Daa’esh bulchiinsa Diyaala magaalaa Kaan Bani Saad keessatti walitti dhukaasaniin mudachuu maddeen poolisii ibsaniiru.

Koloneelonni poolisii lama walitti bu’iinsi kun itti fufee jiraachuu fi hidhattoonni poolisii fi loltoonni akka hin tarkaanfanneef isnaayiparaatti fayyadamaa jiru jedhan.

Yoo xiqqaate poolisoota sadii miidhaman keessaa tokko haala yaaddessaa keessa akka jiru poolisiin beeksiseera.

Haalli nageenyaa Iraaq waggoota dhiyoo asitti jeequmsa weerara bara 2003 Ameerikaan durfamu fi waggootaaf waldhabdee garee gidduutti uumameen booda haalaan tasgabbaa’aa ture.

Humnoonni nageenyaa biyya keessaa balaa kana ofuma isaaniitiin dandamachuu danda’u jechuun Bagdaad amma gamtaa idil-addunyaa U.S’n durfamu kan Daa’ish injifachuuf gargaaree fi ammallee biyyattii keessatti gahee gorsaa ta’ee hafuu kuffisuuf yaalaa jirti jechuun Arab News gabaaseera.

Exit mobile version