Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Walitti bu’iinsa daangaa loltoota Yugaandaa fi Sudaan Kibbaa gidduutti uumameen yoo xiqqaate namootni afur ajjeefaman

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

Naannoo daangaa walfalmisiisaa ta’e irratti waldhabdee loltoota Ugaandaa fi Sudaan Kibbaa waliin  uumameen yoo xiqqaate miseensonni humnoota nageenyaa Sudaan Kibbaa afur waraana Yugaandaan ajjeefamuu isaanii qondaaltonni biyya keessaa himaniiru.

Loltoonni Sudaan Kibbaa sadii Wiixata darbe humnoota Ugaandaan rasaasaan kan ajjeefaman yoo ta’u, kunis  loltoonni isaanii tokko erga ajjeefamee booda haaloo ba’an jedhan dubbi himaan waraana Ugaandaa Meejar Jeneraal Feeliks Kulayigyee. Garuu qondaalli naannoo Sudaan Kibbaa kutaa Giddugaleessa Ikuwaatooriyaa kan ta’e Waani Jaaksan Muul reeffa loltoota shanii fudhachuu isaanii dubbataniiru.

Ugaandaan seenaa hirmaannaa nageenya Sudaan Kibbaa keessatti kan qabdu yoo ta’u, yeroo dheeraaf Pirezidaantii Saalvaa Keeriif deggarsa waraanaa kan kennuun beekamti.baatii Bitootessaa irraa eegalee humna addaa bobbaasuu dabalateeti.

Dubbi himaan waraana Sudaan Kibbaa Meejar Jeneraal Luul Ruwaay Koyang Roobii kaleessaa akka jedhanitti, hoggantoonni waraanaa Sudaan Kibbaa fi Yugaandaa walitti bu’iinsa daangaa yeroo dhiyootti mudate qorachuuf akka danda’amuuf hatattamaan dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru.

Waggoota darban keessa walitti bu’iinsi daangaa yeroo tokko tokko uumamus, michoota waraanaa gidduutti dhukaasni wal jijjiiruun baay’ee hin mul’atu.

Yugaandaan Sudaan Kibaa Sudaan irraa iwalabummaa erga argatte waggaa lama booda, bara 2013 Sudaan Kibbaatti waraanni biyya keessaa yeroo ka’u pirezidaant Keer deeggaruuf loltoota ergite.

Waraanni biyya keessaa Keer fi morkataa isaa yeroo dheeraa Riik Machaar gidduutti waggoota shan kan fudhate yoo ta’u, bara 2018 waliigaltee aangoo qooddachuu irra osoo hin ga’amin dura namoota gara  400,000 galaafate jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version