ONM-ABO Adoolessa 16, 2024
Imphaayera Itoophiyaa jedhamtu keessatti filannoo haqa qabeessa goonkumaa geggeessanii kan hin beeknee fi murnootni gabroomfatoon abbaa irree bara dhufaa darbaan imphaayerattii gabroomfatan keessatti filannoo maqaa dhahachuun ofuma isaanii dorgomuun mo’icha isaanii labsaa turanis jijiiiramni siyaasaa hin dhufne.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaalee adda addaa keessatti lukkeeleen bilxiginnaa haalduree filannoo sobaa imphaayerattiin fuulduratti geggeessuuf jettu mijeeffachuuf uummata goyyomsaa jiraachuun himameera.
Aanaalee akka Deeggaa fi Cooraa keessatti ergamtuun bilxiginnaa Habiibaa Siraaj jedhamtu miseensa mana maree fi dhalattuu aanaa Cooraa kan taate uummanni akka ishee filatuuf huccuu Baha Oromiyaa Dirre Dhawaa fi Jibuutiitti loltoonni faashistii Abiy Ahimed karaarra dhaabbachuun kontirobaandii jedhanii uummata saaman fiduun hawaasa aanaalee armaan olii kana lameeniif bifa goyyomsaan qoodaa turuu ishee namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.
Akka jiraattonni aanota lameenii jedhanitti, “Habiibaa Siraaj kan jedhamtu kun dhuguma uummataaf yaaddee osoo hin taane, filannoo sobaa imphaayerri Itoophiyaa geggeessitu irratti hirmaachuuf duula na filadhaa akka geggeessuuti jechuun adeemsa sana ibsu.
Kana malees, jiraattonni akka jedhanitti, “Filannoo sobaa osoo hin taane, hidhannoo qawwee qofatu bilisa nu baasa, nuti warra erbee osoo hin taane warra mirga namoomaa keenya barbaaduudhas jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

