ONM-ABO Adoolessa 20,2024 Murni nama nyaataan imphaayera Itoophiyaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa dalagatee bulu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhu itti maxxansuun reebicha, hidhaa fi dararaa garaa garaa naasuu tokko malee irraan geessisaa jira.
Haaluma kanaan, Adoolessa 14,2024 Waraanni faashistii PP kun, Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti konkolaachisaa maqaan isaa Abdii Maariqoos jedhamu badii tokko malee hidhuudhaan mooraa waraanaa kan Diippoo jedhamuun waamamu naannoo yuunivarsiitii Wallaggaatti argamutti dararaa jiraachuu maddeen keenya eeran.
Akka maddeen kun himanitti, Abdiin hojii konkolaachisummaa kan hojjetu yoo ta’u konkolaataa lakkoofsi gabatee isaa 17242 E. T ta’e Finfinnee irraa gara Lixa Oromiyaatti qabeenya miliyoona 1.2’tti tilmaamamu fe’ee osoo deemaa jiruu, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootiif dhiyeessii garaa garaa geessita” jedhu itti maxxansuun ragaa tokko malee hidhanii gidirsaa jiraachuu dubbatu.
Abdiin konkolaachisummaan alatti hojii siyaasaa kam keessa kan hin jirre ta’uu fi qabeenya uummataa fe’ee osoo deemuu kan ukkaamfame ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

