Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Nooleetti, waraanni faashistii PP maanguddoo Oromoo tokko irratti ajjeechaa raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 22, 2024

Ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsuun olaantummaa abbaa irrummaa isaa ifaa ifatti mul’isee dararaa hamaa uummata irraan ga’aa kan jiru waraanni faashistii imphaayera Itiyoophiyaa, kutaalee Oromiyaa adda addaatti ajjeechaa haala duraan barameen olitti geggeessaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan, godina Wallagga Lixaa aanaa Sayyoo Nooleetti waraanni faashistii PP maanguddoo Oromoo tokko irratti ajjeechaa raawwachuun eerameera.

Bakka addaa Sangee jedhamutti waraanni mootummaa imphaayera Itiyoophiyaa  Adoolessa 9, 2024 maanguddoo waggaa 72 Obbo Cannaaloo kan jedhaman deggeraa “Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun badii tokko malee haala suukkaneessaa ta’een ajjeechaa irratti raawwachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version