ONM-ABO Adoolessa 21, 2024
Murni bilxiginnaa faayidaa siyaasaa fi dinagdee dhuunfaa qaamolee aangoo of harkaa qabaniif qooduun, ilmaan harka qalleeyyii dirqamaan guuree dirree lolaatti erguun beenyaa lubbuu tokko malee duguugiinsa sanyii raawwataa jira.
Haa ta’u malee sabboontonni ilmaan Oromoo gidirfama saba isaanii fi miidhaa mooraa bilxiginnaa keessatti isaan irra ga’u arguun sirna namaaf naasuu hin qabne bilxiginnaaf tajaajiluu dhiisanii guutuu Oromiyaa keessaa gara waraana Bilisummaa Oromootti dabalamuu jabeessaniiru.
Dheengadda jechuun Adoolessa 19, 2024 miseensonni raayyaa ittisa imphaayerattii sabaan Oromoo ta’an kan baay’inni isaanii torba ta’an Lixa Shaggar aanaa Amboo mooraa ganda Galaan Waddeessaa keessaa meeshaa fi hidhannoo guutuun miliquun gooticha waraana bilisummaa Oromootti dabalamaniiru.
Gama meeshaatiinis Bireenii tokko, isnaayippera 1, AKM dachaatuu 5, boombii harkaa, rasaasa bireenii, rasaasa kilaashii fi gumbii hedduu baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.
Dhuma irrattis simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduun, dhaamsa Oromummaa ilmaan Oromoo achi keessatti hafaniif murna Bilxiginnaa sanyiin nama qoodee, saboota wal nyaachisaa jiruuf lubbuu keessan dhabuu dhiisaatii yeroon mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamaa jechuun dhaammataniiru.

