ONM-ABO Adoolessa 24, 2024
Israa’el Kibxata kaleessaa waliigaltee gareewwan Falasxiin gidduutti waraana Israa’el itti fufee jiru hordofuun naannoo Gaazaa irratti to’annoo eeguuf kaayyeffate mormteetti.
Sochii morkataa Hamas fi Fatah dabalatee gareewwan Falasxiin, Wiixata Chaayinaa Beejiing keessatti qoqqoodinsa isaan gidduu jiru xumuruu fi mootummaa tokkummaa yeroof to’annoo Falasxiin Gaazaa irratti eeguuf kaayyeffate ijaaruuf waliigalaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii gareewwan Falasxiin marii araaraa Beejiingitti taasisaniin wal qoqqoodinsa dhaabuuf waadaa galuu isaanii mirkaneessaniiru.
Garuu Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Israa’el Kaatz Tel Aviv Gaazaa Hamaas fi Faataan waliin akka to’atan hin hayyamtu jedhan.
Kaatz ibsa X irratti kenneen, ”Dhugaa jiru yoo ilaalle, bulchiinsi Hamaas ni caccaba kun hin ta’u,” jedhan.
Itti dabaluudhaanis, “Pireezidantiin Falasxiin Mahmuud Abbaas fagoodhaa Gaazaa ni hordofa. Nageenyi Israa’el harka Israa’el qofa keessa jiraata,” jechuun dabalaniiru.
Naannoowwan Falasxiin West Baankii fi Gaazaa sababa waliigaltee dhabuu cimaa Faataa Mahaammud Abbaasiin hoogganamuu fi Hamaas gidduutti uumameen Waxabajjii 2007 irraa eegalee siyaasaan qoodamaniiru.
Hamaas filannoo seera baastootaa bara 2006 erga injifatee waggaa tokko booda bara 2007’tti naannoo Gaazaa to’annoon kan qabate yoo ta’u, Faataan ammoo West Baankii bulchaa ture jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

