Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el Gaazaa keessatti hongee akka mudatu akeekkachiisuudhaan hariiroo UNRWA waliin qabdu akka xumurtu UN beeksiste

ONM-ABO Sadaasa 5, 2024 

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kan biraan Gaazaa duguuggaa sanyiitiin miidhame keessatti hongee dhufuuf jiru akeekkachiisuun Israa’el dhaabbata baqattoota Falasxiin (UNRWA) waliin hariiroo addaan kutuuf murteessuu ishee  Mootummoota Gamtoomaniitti ifatti beeksisteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el ibsa Wiixata kaleessaa kenneen, waliigaltee tumsaa bara 1967 irraa eegalee kan hariiroo biyyattiin UNRWA waliin qabduuf bu’uura seeraa ta’e haquu ibseera.

“UNRWA’n – dhaabbata hojjettoonni isaa ajjeechaa Onkoloolessa 7 irratti hirmaatan fi hojjettoonni isaa hedduun isaanii hojjettoota Hamaas ta’an – qaama rakkoo Gaazaa keessa jiruuti malee qaama furmaataa miti,” jechuun Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Katz wabeeffachuun gabaafameera.

Paarlaamaan Israa’el torban darbe labsii falmisiisaa lama UNRWAn dachee Israa’el irratti akka hin sochoone dhorku raggaasiseera. Bakki kunis West Baankii qabame, Baha Yerusaalem fi Gaazaa dabalateeti.

Ji’a Adoolessaa keessa Israa’el hojjettoonni UNRWA 100 kan biroo miseensota Hamas fi gareewwan Falasxiin biroo ta’uu himatteetti. Dhaabbatichi Israa’el tarkaanfii fudhachuuf odeeffannoo dabalataa akka kennitu gaafateera. 

Gama biraatiin ammoo qondaaltonni  Mootummoota Gamtoomanii akka jedhanitti, humnoonni Israa’el waggaa tokko keessatti hojjettoota isaanii 130 ol Gaazaa keessatti ajjeesuu isaanii – kunis erga qaamni addunyaa kun hundeeffamee as waldhabdee kamiyyuu keessatti lubbuun akkasii isa guddaadha jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version