ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kan biraan Gaazaa duguuggaa sanyiitiin miidhame keessatti hongee dhufuuf jiru akeekkachiisuun Israa’el dhaabbata baqattoota Falasxiin (UNRWA) waliin hariiroo addaan kutuuf murteessuu ishee Mootummoota Gamtoomaniitti ifatti beeksisteetti.
Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el ibsa Wiixata kaleessaa kenneen, waliigaltee tumsaa bara 1967 irraa eegalee kan hariiroo biyyattiin UNRWA waliin qabduuf bu’uura seeraa ta’e haquu ibseera.
“UNRWA’n – dhaabbata hojjettoonni isaa ajjeechaa Onkoloolessa 7 irratti hirmaatan fi hojjettoonni isaa hedduun isaanii hojjettoota Hamaas ta’an – qaama rakkoo Gaazaa keessa jiruuti malee qaama furmaataa miti,” jechuun Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Katz wabeeffachuun gabaafameera.
Paarlaamaan Israa’el torban darbe labsii falmisiisaa lama UNRWAn dachee Israa’el irratti akka hin sochoone dhorku raggaasiseera. Bakki kunis West Baankii qabame, Baha Yerusaalem fi Gaazaa dabalateeti.
Ji’a Adoolessaa keessa Israa’el hojjettoonni UNRWA 100 kan biroo miseensota Hamas fi gareewwan Falasxiin biroo ta’uu himatteetti. Dhaabbatichi Israa’el tarkaanfii fudhachuuf odeeffannoo dabalataa akka kennitu gaafateera.
Gama biraatiin ammoo qondaaltonni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhanitti, humnoonni Israa’el waggaa tokko keessatti hojjettoota isaanii 130 ol Gaazaa keessatti ajjeesuu isaanii – kunis erga qaamni addunyaa kun hundeeffamee as waldhabdee kamiyyuu keessatti lubbuun akkasii isa guddaadha jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

